Qajeelchi waliigalaa Poolisii Dirree Dawaa Poolisoota Leenjise Eebbisiisaa jira

Adoolessa 28/2016 (TOI)- Qajeelchi waliigalaa Poolisii Dirree Dawaa Poolisoota yeroo dhigdamii Afraffaaf mana barmootaa leenjii loltummaa Huursoo KontinjantittinLeenjise Eebbisiisaa jira.

Eebbifamtoonni ogummaa Poolisii kutaatti fi shaakalaan ga’umsaan xumuranii eebbifamuusaanii sirna eebbaarratti ibsameera.

Leenjichi akka milkaa’u hooggantoonni mana barmoota leenjii Huursoo Kontinjantii, qondaaltonnii fi hojjettoonni gumaacha olaanaa akka taasisan beekameera.

Af-yaa’iin mana maree bulchiinsa Dirree Dawaa adde Fatiihiyaa Adan, kantiibaan bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar, sadarkaa ittaanaa kantiibaatti ittiwaamamaan mootummaa mana maree bulchiinsichaa obbo Ibraahiim Yuusuuf sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.

Ajajaan qajeelcha waliigala Poolisii Dirree Dawaa Komishinar Alamu Magraa, ajajaan mana barmoota leenjii Huursoo Kontinjantii Koloneel Addisuu Tarfaasaa, aondaaltonnii fi maatiin eebbifamtootaa argamaniiru.

Kana malees jaarsoliin biyyaa fi abbootiin Gadaa argamaniiru.

 

Eebbifamtoonni ogummaa leenjii Poolisiirraa argatan sirna eebbaa kanarratti agarsiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015