Hojiilee Misoomaa Sosochii Ummataan Hojjetaman Ilaalchisee Naannoo Hararitti Mariin Taasifamaa Jira

Adoolessa 28/2016(TOI)- Hojiilee Misoomaa Sosochii Ummataan Bara 2017 Hojjetaman Ilaalchisee Naannoo Hararitti Mariin Taasifamaa Jira.

Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii, Paartii Badhaadhinaatti hoogganaan Waajjira Naannoo Hararii Obbo Geetuu Wayyeessaa, Qaamoleen hooggantootaa Naannichaa Sadarkaan Jiran, Bakka Bu’oonni Hawaasaa fi Kanneen Biroo Marii Waltajjii Kanarratti Hirmaataniiru.

Kaayyoon Waltajjii Marii Kun Hojiilee Misoomaa Naannicha Keessumaammoo Magaalaa Hararitti Jalqabaman Irratti Hawaasa Waliin Mari’achuu fi Waliigaltee Uumuun hojii Kana Ittifufsiisuufi.

Akkasumas Hawaasni Hubannoo Qabaatee Gumaachasaa Akka Taasisuu fi Hojiilee Misoomaa Naannawasaatti Hojjetaman Akka Kunuunsuu fi Eegu Akka Gargaaru Ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015