Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa Oyiruu Boqqoolloo Godina Gujii Aanaa Adoolee Redeetti Kilaastaraan Misoome Daawwatan

Adoolessa 28/2016(TOI)- Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa Oyiruu Boqqoolloo Godina Gujii Aanaa Adoolee Redeetti Kilaastaraan Misoome Daawwatan.

Godina Gujiitti Lafti Heektaara Kuma 160 fi 414 Midhaan Addaddaa Kan Facaafame Yoo Ta’u, Lafa Kanarraa Midhaan Kuntaala Miiliyoona 3 Tuqaa 5bCaalu Ni’Abdatama.
 

Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa Dabalatee Hooggantoonni Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Boqoolloo fi Midhaan Addaddaa Naannawa Kanatti Misoome Daawwataniiru.

Obbo Shimallis Daawwannaan Booda Yaada Kennaniin Godinichatti Oomishaa fi Oomishtummaa Boqqoolloo Guddisuuf Hojiin Hojjetame Bu’a Qabeessa Ta’uusaa Ibsaniiru.

Godinichatti Lafti Heektaara kuma 92 fi 823 Kilaastaraan Misoomuusaa Eeranii, Midhaan Kuntaala Miiliyoona 2 Tuqaa 5 Caalu Ni’Abdatama Jedhaniiru.

Hojii Qonnaa Hundagaleessa Godinichatti Taasifamaa Jiruun Oomishni Qonnaan Bulaa Guddachaa Jira Jedhaniiru.

Haala Kanaan deeggarsi Mootummaa Cimee Akka  Ittifufu Mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015