Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa hojiilee Qonnaa fi misooma qabeeinya Beelladaa Godina Gujitti Hojjetamaa Jiran Daawwatan

Adoolessa 28/2016(TOI)- Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa hojiilee Qonnaa fi misooma qabeeinya Beelladaa Godina Gujitti Hojjetamaa Jiran Daawwatan.

Pirezidaant Shimallisii fi Hooggantoonni Olaamoo Naannoo Fi Federaalaa Biroon Hojiilee Misoomaa Garagaraa Godina Gujii Aanaalee Booree fi Aannoo Qeerransaa Daawwataniiru.

Naannichatti Qonnaa fi Horsiisa Beelladaan Bu’aa Olaanaa galmeessisuuf Xiyyeeffannaa Addaan Hojjetamaa Akka Jiru Obbo Shimallis Ibsaniiru.

Haala Kanaan Hojiileen Qonnaa fi Misooma Beelladaa Godina Gujii Aaanaalee Garagaraatti Hojjetamaa Jiran Agarsiiftuu Ta’uusaanii Eeraniiru.

Haala Kanaan Hojiileen Fooyyessa Sanyii Beelladaa, Misoomaa fi Dhiheessii Nyaata Beelladaa Akkasumas Eegumsa Fayyaarratti Jalqabaman Onnachiisaa Waan Ta’aniif Jajjabaachuu Qabu Jedhaniiru.

 

Milkaa’inni Horiisa Beelladaarratti Argame Hojii Qonnaa Qindaa’aarrattis Bal’inaan Hojjetamuu Akka Qabu Eeraniiru.

Mootummaan Gama Hundaanuu Deeggarsa Barbaachisu Kan Taasisu Ta’uu Pirezidaant Shimallis Mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015