Magaalaa Finfinnee Miidhagduu fi Jiraattotaaf Mijattuu Taasisuun Dhaabbilee Mootummaa fi Dhuunfaa  Keessattis Babal’achaa Jira-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Adoolessa 28/2016(TOI)- Finfinnee Akkuma Maqaashee Miidhagduu fi Jireenyaaf Mijattuu Taasisuuf hojiileen misooma Kooriidarii Akka Bulchiinsa Magaalaatti Jalqabaman Malees Hojiin Kun Dhaabbilee Mootummaa fi Dhuunfaa Keessattis Babal’achaa Akka Jiru Kantiibaa Adaanech Abeebee Ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee Faawunteenii Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti tajaajila bashannanaa Ummataaf ijaarame Eebbisanii Jalqabsiisaniiru.

Magaalaa Keenya Finfinnee Akkuma Maqaashee Miidhagduu akkasumas Jireenyaaf Mijattuu Taasisuuf Hojii Misooma Kooriidarii Akka Bulchiinsa Magaalaatti Jalqabneen Alatti Hojiin Kun Dhaabbilee Dhuunfaa fi Mootummaa Biroo Keessattis Babal’achaa Jira Jedhan Fuula Marsariitiisaaniitiin.

Korporeeshiniin Hojiiwwan Konistiraakshinii Itiyoophiyaa Faawunteenii Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti tajaajila Bashannana Ummataaf Ijaare Kunoo eebbifnee Tajaajila Jalqabsiifneerra Jedhaniiru.

Faawuntenoonni Konistiraakshiniin Biraazersi Piyaassaa ‘Dooroo Maanaqiyaa” fi Konistiraakshiniin Aseer Riqicha Boolee Ruwaandaa Jalatti Baasiisaaniitiin Ijaarsisan Tajaajila Ummataaf Banaa Taasisuusaanii Yaadachiisaniiru.

Korporeeshiniin Hojiiwwan Konistiraakshinii Itiyoophiyaa, Konistiraakshiniin Biraazersii fi Konistiraakshiniin Aseer Guddaa galateeffachaa Dhaabbileen Dhuunfaa fi Mootummaa Biroon Muuxannoo Kanarraa Ka’uun Naannawasaanii Jiraattotaaf Cimsanii Akka Ittifufan Waamichan dhiheessa Jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015