Ministirri Nageenyaa Lammiilee Godina Goofaatti Lafti Sigigaatee Miidhaman Akaakuu Fi Maallaqaan Deeggare

Adoolessa 29/2016(TOI)- Ministirri Nageenyaa Lammiilee Godina Goofaa Aanaa Gazee Goofaa Ganda Keenchoo Shaachaa Goozdiitti Lafti Sigigaatee Miidhaman Akaakuu Fi Maallaqaan Birrii Miiliyoona 6 Tuqaa 4 Deeggare.

Deeggarsichi Wayita Kennamu Ministirri Nageenyaa Binnaalf Andu’alam Ummanni Biyyattii Balaa Umamaa Aanaa Gazee Goofaatti mudatetti gadduusaa Ibsaniiru.

Kana Booda gaddaa keessaa Bhuun Lammiilee Balaa Kanaan Miidhaman Egereef Dhaabuuf Hojjetamuu Akka Qabu Hubachiisaniiru.

Ministeerichi Gaddasaa Ibsuun Alatti Miidhamtoota Dhaabuuf Hojii Hojjetamu deeggaruuf Nyaata, Midhaan Dheedhii fi Uffannaa Birrii Miiliyoona 4 Tuqaa 2tti Tilmaamamu Deeggaruunsaa Ibsameera.

Kana Malees Maallaqa Callaa Birrii Miiliyoona 2 Tuqaa 2 Caalu Kan Deeggare Yoo Ta’u, Fuulaa Duras Birrii Miiliyoona 30 Deeggaruuf Waadaa Galeera.

Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Tilahuun Kabbadaa gamasaaniin Ministeerichi Balaa Mudate Kana Hordofaa fi Jajjabeessaa Akka Ture Yaadachiisaniiru.

Qaamaan Argamuun Deeggarsa Taasisuun Tumsa Ummataaf Qaban Ibsuusaniif Bulchaan Kun Galateeffataniiru.

Rakkoo Kana Egereef Furuuf Komishinii Hooggansa yaaddoo Balaa fi Mootummaa Federaalaa Waliin Qindoominaan Hojjechaa Akka Jiru Ibsaniiru.

Deeggarsa Yeroo Hatattamaan Alatti Miidhamtoota Dhaabuuf Yaalii Taasifamu Qabeenya Waan Barbaaduuf Ummattoonni Biyyattii Deeggarsa Maallaqaa, Qorqoorroo Fi Mismaaraa Akka Taasisu Waamicha Taasisuusaanii Odeeffannoon Komunikeeshinii Naannichaarraa Argame Nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015