Magaalaa Hawaasaatti Hojjettoota Mootummaa Kuma 1 Caalaniif Lafti Mana Irratti Ijaarratan Kennameef

Adoolessa 29/2016(TOI)- Magaalaa Hawaasaatti Hojjettoota Mootummaa Gurmaa’anii Lafa Mana Jireenyaa Irratti Ijaarrachuuf Gaafatan Kuma 1 fi 108f Lafti Mana Irratti Ijaarratan Kennameef.

Hoogganaan Qajeelcha Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Magaalaa Hawaasaa Injiinar Mihiratuu Gabree Walharkaa Fuudhinsarratti Akka Jedhanitti Lafi Ijaarsa ManaJireenyaaf Kenname Kun Waldaalee Hojii Gamtaa Manneen Jireenyaan Gurmaa’an 35f Kenname.

Waldaalee Kunneen Gurmaa’anii Harka 50 Kan Ta’e Birrii Miiliyoona 378 Caalu Qusatanii Kan Xumuran Ta’uusaanii Beeksisaniiru.

Kanneen Lafti mana Jireenyaa Akka Irratti Ijaarratan Kennameef Hojjettoota Mootummaa, Barsiiftota Yuunivarsiitii, Ogeeyyota Fayyaa fi Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaati.

Kanneen Keessaa 334 Dubartoota Akka Ta’an Ibsaniiru.

Lafi Kenname Kun Kaaree Meetira kuma 51 fi 950 Kan Bal’atuu fi Gamoo Abbaa Darbii Affurii Ijaaruuf Kan Oolu Akka Ta’e Eerameera.

Lafti Mana Ijaarsaa kennamuunsaa Komii manaa Jiraattotaan Kaafamuu fi Gaaffii Bulchiinsa Gaarii Deebisuuf Tarkaanfii Fudhatame Ta’uusaa Kan Ibsan Ammoo Kantiibaa Magaalaa Hawaasaa Makuriyaa Marshaayeeti.

Bulchiinsi Magaalaa Hawaasaa Misooma Addaddaa Fayyadama Jiraattotaa Guddisan Hojjechaa Akka Jiru Ibsaniiru.

Hooggantoonni Olaanoo Bulchiinsa Magaalichaa fi Miseensonni Waldaalee Sagantaa Kanarratti Argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015