Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa Yaa’ii Idilee 8ffaa Har’a Jalqabe

Adoolessa 29/2016(TOI)- Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa Yaa’ii Idilee 8ffaa Bara Hojii 3ffaa Marsaa 3ffaa Har’a Jalqabe.

Yaa’iin Kun Balaa Godina Goofaatti Mudateef Kadhannaa Sammuu Taasisuun Kan eegale Yoo Ta’u Turtiisaa Guyyaa Lamaatiin Ajandaalee Addaddaarratti Akka Mari’atu Ittaantuun Af-Yaa’ii Mana Marichaa Adde Kariimaa Alii Dubbataniiru.

Yaa’iin Kun Gabaasa Raawwii Raawwachiiftuu fi Tjaajila Mana Qopheessaa fi Karoora Bara 2017 Irratti Mari’atee Akka Raggaasisu Eerameera.

Kana Malees Raawwii Hojii Waajjira Mana Maree fi Dhaabbilee Miidiyaa Mana Mareef Itti Waamaman, Odiitarri Muummee fi Manneen Murtii Bulchiinsa Dirree Dawaa Irratti Mari’atee Akka Raggaasisu Ajandaan Yaa’ii Nimul’isa.

Kana Malees Wixinee Labsii Raawwachiiftuu Dirree Dawaa fi Qaamolee Mana Qopheessaa Irra Deebiin Hundeessuuf fi Ittigaafatamasaanii Murteessuuf Bahe Irratti Mari’atee Niraggaasuisa Jedhameetu Eegama.

Yaa’iin Kun Wixinee Karooraa Bara 2017Akka Raggaasisuu fi Muudama Akka Kennus Ni’eegama.

Bulchiinsi Dirree Dawaa Miseensota 189 Akka Qabu Nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015