Riqaawwan Lama Birrii Miiliyoona 47 Caaluun Godinichatti Ijaaraman Eebbifamanii Tajaajilaaf Banaman

Adoolessa 29/2016(TOI)- Riqaawwan Lama Birrii Miiliyoona 47 Caaluun Naannoo Ummattoota Kibba Itiyoophiyaa Godina Beenchi Shakkoootti Ijaaraman Eebbifamanii Tajaajilaaf Banamuun Ibsame.

Ittaanaan Bulchaa Naannichaa Injiinar Doktar Nagaash Wageeshoo Riqicha Laga Agguu Magaalaa Miizaan Amaanitti Ijaaramee fi Riqicha Laga Daamaa Aanaa Giddii Beenchi jaarame Eebbisanii Bananiiru.

Riqaawwan Lamaan Kana Ijaaruuf Birriin Miiliyoona 47 tuqaa 3 Baasii Ta’uusaa Daarektarri Abbaa Tayitaa Daaddiiwwanii Naannichaa Injiinar Abdiyyuu Mokonnon Ibsaniiru.

Riqichi Laga Agguu Bulchiinsa Magaalaa Miizaan Amaan fi Aanaa Shakkoo Kan Walquunnamsiisu Yoo Ta’u Riqichi Kun Ijaaramuunsaa Kuduraa fi Muduraa Akkasumas Oomishaalee Qonnaa Kanneen Biroo Naannawichatti Oomishamu Gabaaf Dhiheessuuf  Haala Mijataa Ni’uuma jdhaniiru.

Riqqichi Laga Daamaa Meetira 42 Kan Dheeratu Yoo Ta’u Aanaalee Giddii Beenchii fi Beenchi Kaabaa Walquunnamsiisuun Alatti Aanaa Giddii Benchi Jiddugaleessa Godinaa Waliin Kan Wal Quunnamsiisu Riqicha Murteessaa Ta’uusaa Dubbataniiru.

Itti Waamamaan Mootummaa Naannichaa Obbo Tsaggaayee Maammoo Dabalatee Hooggantoonni Olaanoo Naannichaa fi Godinaa Sirna Eebbaa Kanarratti Argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015