Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hojiilee Misoomaa Garagaraa Dhaabbata Chaayinaa Waliin Hojjechuuf Mallatteesse

Adoolessa 29/2016(TOI)- Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hojiilee Misoomaa Garagaraa Faawundeeshin Foor Develooppimanti Chaayinaa Waliin Hojjechuuf Waliigaltee Mallatteesse.

Ministirri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee fi Itiyoophiyaatti Daarektarri Faawundeeshinichaa Yin Chee Waliigalticha Mallatteessaniiru.

Waliigaltichii Soorata Barattootaa Bal’isuu, Fayyadamummaa Dinagdee Dubartootaa Mikaneessuu,Humna Haaromfamaa Soolaarii qaqqabaa Taasisuu fi Bishaan Dhugaatii Qulqulluu Akkasumas Deeggarsa Meeshaalee Barmootaa Ofkeessaa qaba jedhan Ministirittiin.

Pirojektoonni Kunneen Hawaasa Gargaaramummaa Jalaa Baasuun Egereef dhaabuu kan dandeessisanidha jechuun Ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti Daarektarri Faawundeeshinichaa Yin Chee GamasaaniinWaggoota Kudhan Darban Dameelee Garagaraatiin Itiyoophiyaatti Deeggarsi Taasifamaa Turuu Eeraniiru.

Faawundeeshinichi Dameelee Eeramanirratti Deeggarsa Barbaachisu Akka taasisu Dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015