Dirree Dawaatti Bara Bajataa Xumurame Hojiileen Misoomaa Hirmaannaa fi Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan Hojjetamaniiru-Kantiibaa Kadir Juhaar

Adoolessa 29/2016(TOI)- Dirree Dawaatti Bara Bajataa Xumurame Hojiileen Misoomaa Hawaasummaa fi Dinagdee Hirmaannaa fi Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan Hojjetamuusaanii Kantiiaan Bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar Beeksisan.

Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa Yaa’ii Idilee 8ffaa Bara Hojii 3ffaa Marsaa 3ffaa Taa’aa Jira.

Kantiibaan Bulchiinsichaa Kadir Juhaar Gabaasa Raawwii Karoora Raawwachiisaa fi Tajaajila Mana Qopheessaa Bara Xumuramee Dhiheessaniiru.

Bara Bajataa Xumurame Bu’aaleen Hawaasummaa fi Dinagdee Hirmaannaa fi Fayyadamummaa Ummata Magaalaa fi Baadiyyaa Mirkaneessan Hojjetamuusaanii gabaasa dhiheessaniin ibsaniiru.

Qaamolee Haqaa fi Nageenyaa Qindeessuun Hojiileen Nageenyaa fi Tasgabbii Hojjetamuusaanii Eeraniiru.

Gama Fayyaa, Barmootaa, Carraa Hojii Uumuu, Wabii Nyaataa Mirkaneessuu, Ijaarsa Daandii fi Dameelee Birootiin Hojiileen Gaaffii Misoomaa fi Bulchiinsa Gaarii Ummataa Bara Dheeraa Deebisan Hojjetamuusaanii Eeraniiru.

Rakkoo Hojii Dhabdummaa magaalaa fi Baadiyyaatti Salphisuuf Hojiileen Qindoominaan Hojjetaman Abdachiisaadha Jedhaniiru.

Ogeeyyota Yuunivarsiitiirraa Eebbifaman Dabalatee Magaalaa fi Baadiyyaatti Namoota Kuma 19 fi 660 oliif Carraa Hojii Dhaabbataa Uumuuf Karoorfamee Namoota Kuma 18 fi 80f Carraa hojii Uumuun Harka 91 Tuqaa 9 Milkeessuun Akka Danda’ame Dubbataniiru.

Kana Malees Dargaggoonnii fi Dubartoonni Kuma 3 fi 800 Ta’an Pirojektoota Misoomaa Addaddaarratti Carraa Hojii Argachuusanii Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015