Hojiileen Misooma Qonnaa Kilaastaraa Naannoo Oromiyaa Naannawoota Horsiisee Bulaatti Hojjetaman Bu’a Qabeessadha

Adoolessa 29/2016(TOI)- Hojiileen Misooma Qonnaa Kilaastaraa Naannoo Oromiyaa Naannawoota Horsiisee Bulaatti Hojjetaman Bu’a Qabeessa Ta’uusaanii Bulchaan Bulchiinsa Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa Ibsan.

Hooggantoonni Olaanoo Federaalaa fi Naannoo Pirezudaant Shimallis Abdiisaan Durfamu Hojiilee Qonnaa Godina Gujii Lixaatti Hojjetaman Daawwateera.

Obbo Shimallis Wayita Kana, Waggoota Dargaban Naanawa Horsiisee Bulaatti Hojiileen Misoomaa Nyaatarra Darbanii Gabaaf Oolan Bu’a Qabeessa Ta’uusaanii Ibsaniiru.

Qonna Kilaastaraa Babal’isuu Dabalatee Qonnaa Teeknooloojiin Deeggaruudhaan Dhiheessii fi Aadaa Ittifayyadama Meeshaalee Qonnaa Ammayyaa Guddisuuf Hojiin Hojjetame Jijjiirama Fideera Jedhan.

Keessumaa Hojiileen Naannoo Oromiyaa Iddoowwan Misoomni Midhaanii Hinbeekamnetti Hojjetaman Wabii Nyaataa Mirkaneessuurra Darbee Industiriiwwan Biyya Keessaa fi Biyya Alatti Oomishni Dhihaachaa Jira Jedhaniiru.

Fuulduras Hojii Kana Babal’isuun Damee Qonnaarraa Dureeyyii Hedduu Horachuuf Hojiin Hojjetamu Cimee Akka Ittifufu Dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015