Godina Shawaa Lixaatti pirojeektoonni bu'uuralee misoomaa adda addaa eebbifamuun tajaajila kennuu jalqaban

Adoolessa 29/2016(TOI) - Godina Shawaa Lixaa aanaa Caliyaatti pirojeektoonni bu'uuralee misoomaa 36 ta'an kan birrii miliyoona 100 oliin ijaaraman eebbifamuun tajaajila kennuu jalqaban.

Pirojeektoonni kunneen har'a yeroo eebbifaman miseensonni hoggansaa mootummaa Oromiyaa, bulchaan godinichaa fi ittifatamtoonnii wajjiiralee mootummaa aanichaa, abbootiin gadaa, abootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi jiraatonni argamaniiru.

Pirojeektoota misoomaa eebbifaman keessa, gamoo wajjira bulchiinsa aanaa Caliyaa, daandii, bishaan dhugaatii qulqulluu, riqichoota adda addaa fi kanneen birooti jedhameera.

Bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guutaa pirojeetota hojiin isaanii xumuraman har'a eebbifaman dabalate waliigalaan godinichatti bara bajataa darbe birrii biliyoona 3.5 oliin pirojeektoonni adda addaa lakkoofsaan 762 ta'an hojjetamanii tajaajila kennuu jalqabaniiru.

Pirojeektoonni kunneen gaaffii uummaannii godinichaa waggoota hedduuf gaafachaa ture kan deebisan ta'uus himaniiru.

Erga jijjirama as pirojeektoonni yeroo kaa'ameef keessaatti akka hojjetamanii xumuraman hojii hojjetameen bu'aan jajjabeessan argamaa jirachuus eeraniiru.

Eebba pirojeektoota bu'uuralee misoomaa har'a aanaan Caliyaatti eebbifaman irratti kan argaman hogganaa biiroo Busaa fi Gonofaa obbo Mogos Ida'ee jiratoonni aanichaa pirojeektoonni kun qabeenya isaanii ta'uu sirriitti hubachuun kununsa barbaachisu akka taasisaniif hubachiisaniiru.

Jiraatonnii aanaa Caliyaa gama isaaniin pirojeektoonnii hojiin isaanii xumuramee tajaajila kennuu jalqaban kunneen faayidaa hedduu kan qaban waan ta'aniif yeroo dheeraaf tajaajila irraa barbaadamu akka kennaniif akka eegumsa barbaachisu taasisaniif himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015