Ijaarsi Manaa Lammiilee Dadhaboof Taasiamu Hatattamaan Raawwatamaa Jira

Adoolessa 29/ 2016 (TOI ) -Ijaarsi Manaa Naannawa Awwaareetti Lammiilee Dadhaboof Taasiamu Akkaataa Karoorfameen Hojjetamaa Akka Jiru Waajjirri Ministira Muummee

Hojiin Tola Ooltummaa Hawaasummaa Waggaa Waggaan Mana Dadhabootaa fi Harka qalleeyyiif Haaromsuu fi Ijaaruurratti Xiyyeeffatu Hojiilee Utubaa Ijoo  Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ta’uu Ibseera.

Sosochiin Jijjiiramaa Naannawa Awwaareetti Haala Jireenyaa Fooyya’aa fi Kabajamaa Namaaf Uumuuf Hojjetamaa Jiru Qaamolee Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Kan Hojeeffamu qaama muummee Karoora Kanaa Ta’uusaa Waajjirri Ministira Muummee Fuula Marsariitiisaarratti Beeksiseera.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Hojii Baranaa Baatii Caamsaa Jalqabsiisuunsaanii Waajjirichi Yaadachiisee, Ijaarsi Mana Dadhabootaaf Taasifamu Hatattamaan Hojjetamaa Akka Jiru Beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015