Bajanni dabalataa birriin biliyoonni 550 Mana Maree Bakka Bu'oota uummataaf dhihaachuuf jedhame

Adoolessa 29/2016(TOI) - Bajanni dabalataa bara bajataa 2017 birriin biliyoonni 550 Mana Maree Bakka Bu'oota uummataaf dhihaatee akka raggaasifamu qophiin taasifamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Bajanni mootummaa federaalaa kan bara 2017 birrii biliyoona 971.2 ta'uun mana maree bakka bu'oota uummataan ragga'uun isaa ni yaadatama.

Bajanni kun kan bara darbeen yoo madaalamu dhibbeentaa 21.1 caalmaa kan qabudha.

Kana keessaa bajata idilee birrii biliyoona 451.3, bajata kaappitaalaa immoo birrii biliyoona 283.2'tu qabame.

Ministir deetaan ministira maallaqaa Doktar Iyyoob Takkaaliny imaammata dinagdee gooroo ilaalchisuun ibsa kennanniin, fooyya'inis imammaata kun dinagdee amansiisaa fi waaraa ijaaruuf bu'uura kan kaa'udha jedhaniiru.

Fooyya'insa imaammataa taasifamuu kana hordofee maddeen faayinaansii adda addaa deeggarsa taasisaa jiru jedhaniiru.

Kana hordofuun ministeerri maallaqaa bajata mootummaa federaalaa bara 2017 ifa ta'eerratti bajata dabalataa akka taasisu himaniiru.

Manni Maree Bakka Bu'oota uummata akka raggaasisuuf kan qophaa'ee bajata dabalataa birrii biliyoona 550 ol yoo ta'u, kana keessaa birriin biliyoonni 240 misooma hawaasummaaf kan oolu ta'uu eeraniiru.

Mootummaan imaammata dinagdee gooroo fooyya'e kana karaa guutuu ta'e hojiirra yeroo oolchu lammilee galii gad aanaa qaban jiddugaleessa taasifatee ta'u ibsaniiru.

Kanaanis lammilee galii dhaabbata qabanii fi feetineetii misoomaan deeggaramaniif deeggarsa gahaa taasisuuf bajanni dabaltaa kun murteessaa ta'uu eeraniiru.

Dabalataan bajanni kun deeggarsa Zayitaa nyaata, bo'aa fi qorichaaf akka oolu taasisuun yaaddoo yeroo imaammannii kun hojiirra oolu mudachuu danda'u dursanii ittisuuf kan dandeesisudha jedhaniiru.

Gama biroon baasii biyyaalessa galii ofiin guutuuf tattaaffii taasifamu cimee kan itti fufu fi hojiirra oolmaan imaammatichaa humna galii guddisuu keessattis gahee murteessa akka qabu eeraniiru.

Galii dinagdeen maddisiisu karaa haqa qabeessa walitti qabuun hojiilee misoomaa adda addaaf akka olfamu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015