Raayyaan Ittisaa Waldaa Tola Oolaa Maqadooniyaaf Deeggarsa Meeshaalee fi Maaddii Qoode

Adoolessa 29/2016(TOI)- Raayyaan Ittisaa Waldaa Tola Oolaa Maqadooniyaaf Deeggarsa Meeshaalee fi Maaddii Qoode.

Hooggantoonnii fi Miseensonni Raayyaa Ittisaa Sagantaa Kanarratti Argamaniiru.

Raayyaa Ittisaatti Daarektarri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Birgaadeer Jeneraal Hullaagariish Diras Akka Ibsanitti, Raayyaan Ittisaa Deeggarsa Uffataa, Meeshaalee Qulqullinaa fi Kanneen Biroo Waldichaaf Taasisaniiru.

Raayyaan Ittisaa Hojiilee Tola OOltummaa Addaddaarratti Bobba’uun Ittigaafatama Hawaasummaasaa Bahachaa Akka Jiru Dubbataniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Nageenya Biyyaa fi Ummataa Eeguun Cinaatti Kan Qabu Maanguddootaa fi Dadhabootaaf Qooduun fi Hojiilee Misoomaarratti Hirmaachuun Ummataaf Dhaabachuusaa Mirkaneessaa Akka Jiru Ibsaniiru.

Raayyaan Ittisaa Waldaa Kanaaf Waan Qabuun Akka Deggaru Ibsee, Kanneen Biroos Deeggarsa Taasisuun Aantummasaanii Agarsiisuu Akka Aqaban eeraniiru.

Hundeessaa fi Hojii Gaggeessaan Waldaa Tola Oolaa Biiniyaam Ballaxaa Gamasaaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa Lammiilee Waldicha Jalatti Argaman Yaadachuun Deeggarsaa fi Maaddii Qoodeef Galateeffataniiru.

Dhaabbilee fi Namoonni Dhuunfaan Biroon Fakkeenya Raayyaa Ittisaa Fyudhachuun Waan Danda’aniin Waldicha Akka Deeggaran Waamicha Dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015